Main Article Content
Xiinxala Caasaa Maayiiwwan Maqaa Afaan Oromoo: Looga Arsii Keessatti Rabbirra Dhaba The analysis of noun formation in Arsi Oromoo dialect
Abstract
Afaan Oromoo afaanota naannoo gaanfa Afrikaatti dubbataman keessaa sadarkaa duraa irratti argama. Loogni Oromoo Arsii Kibba Baha Oromiyaatti bal‟inaan dubbatama. Qorannoowwan caasaa latiilee afaanichaa muraasa irratti daangeffamanii hojjataman haajiraatan malee, xiinxalli uumama maqaalee looga Oromoo Arsii irratti gaggeeffame hin jiru. Kanaaf, Kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf ragaaleen qorannichaa kitaaba Afaan Oromoo looga Arsiitiin barreeffame “Seera Fuudhaa-Heeruma Oromoo Arsi‟ii (2000) jedhu keessaa kan funaanaman yoo ta‟u, innis mala iddatteessuu akkayyootiin filatamee jira. Dabalataanis qorataan, dubbataa loogichaa waan ta‟eef, akka madda ragaa qorannoo kanaatti ragaaleen ofii isaatiin dhihaatanis qorannoo kana keessatti xiinxalamanii jiru. Qorannoon kun saxaxa ibsaatiin kan dhihaate yemmuu ta‟u, ragaaleen akkaataa walfakkeenya isaaniitiin mata-duree xixiqqoo jalatti qindaa‟anii mala akkamtaatiin ibsamanii jiru. Ragaan xiinxalame akka agarsiisutti looga Oromoo Arsii keessatti maqaaleen jechoota qeentee yookaan jechoota tishoo irratti maqeessituu fudhachuudhaan uumamu. Maqaaleen jechoota qeenteefi maqeessituu irraa uumaman (maqaaleen yaasaa) tajaajila dhaabbataniif bu‟uureffachuudhaan maqaalee gochaa, bu‟aa gochaa, abgochaa, meeshaa, adeemsaa, killayyaafi nama dhuunfaa jedhamanii qoodamu. Isaan keessaa maqaaleen abgochaa koorniyaa kormaadhaaf maqqeessitoota {-aa} fi {-o}, akkasumas koorniyaa naayeedhaaf {- tuu} fi {-tu} kan fudhatan yemmuu ta‟an, maqaaleen bu‟aa gochaa unkaalee adda addaa hanga digdamaa gahan tajaajilamuu danda‟u. Fufiileen maqaalee adeemsaa uuman {-iinsa} fi {-at-}+{-a} yemmuu ta‟an, maqaalee meeshaatiif {-tuu}, {-too}, {-aa}, {-wii/-yii}, {-saa} fi {-oo} dha. Fufiileen maqaalee meeshaa uumuuf tajaajilan shanan duraa hundee gochimaa irratti kan maxxanan yoo ta‟u, inni boodaa (-oo) maqaalee bu‟uuraa (maqaalee qaamota bineeldotaa) irratti dabalamuudhaan tajaajila. Kana malees, maqaaleen killayyaa hundee maqaalee bu‟uuraafi maqibsitootaa irratti {- ummaa}, {-eenna} fi {-inna} maxxanfatu. Dabalataan, maqaaleen nama dhuunfaa ittiin waamuuf tajaajilan koorniyaa lamaaniifuu maqeessitoota unkaalee adda addaa maxxanfatuu danda‟u. Maqaaleen yaasaadhaan uumamaniifi maqaaleen tishoon fufii yookaan unka dhokataa (Ø) maqummaa agarsiisu ni fayyadamu. Kana malees, ol ka‟uufi gadi bu‟uun dhissaga birsagootaa (syllable stressness) uumama maqaalee loogichaa keessatti qooda ni fudhatu.
Afaan Oromoo is a widely spoken language in East Africa, and the Arsi dialect is one of the most prominent varieties spoken in the southeastern region of Oromia. While numerous studies have been conducted on the grammar of Afaan Oromoo, the noun formation in the Arsi dialect, in particular, has yet to be analyzed in depth. This study, therefore, aims to explore the noun formation in the Arsi Oromoo dialect. To achieve this goal, two primary sources of data were used: the book Seera Fuudhaa Heeruma Oromoo Arsi‟ii (Huseen, 2000) and the researcher‟s own introspection. The book, written in the Arsi dialect as noted by the author, discusses various aspects of the Arsi Oromoo marriage system, material culture, and other social customs. The text was thoroughly scanned for relevant data, while the researcher, a native speaker of the dialect, also contributed data through introspective methods. The study employs a descriptive research design, primarily focusing on the structural analysis of noun formation. The data were categorized based on functional similarities. The rising and falling of syllables are marked using the symbols ˇ and ˆ, respectively. The findings indicate that in the Arsi dialect of Afaan Oromoo, nouns are formed through two main processes: derivation and compounding. Derivative nouns are created from verbs, adjectives, ideophones, other nouns, and nominalizers. Compound nouns, on the other hand, are formed by combining nouns, pronouns, adjectives, prepositions, and nominalizers. Each type of derived noun (e.g., gerund, result, agent, instrument, process, abstract, and personal proper nouns) takes different suffix forms. Additionally, some nouns can be formed through prosodic morphology.



