Main Article Content

Iyyaaffannaa Sirna-beekumsa Oromoo Mammaaksa Tokko Keessatti: Kallattii Harmanatiksii Afrikaatiin Exploration of Oromoo epistemology in one proverb: African Hemeneutic perspective


Waldee Isheetuu
fi Eebbaa Tarreessaa

Abstract

Sirni-beekumsaa, akka waliigalaatti yoo hiikamu, dirree qorannoo maalummaa, madda, tooftaafi mala beekumsi ittiin mirkanaa’u kan qoratu. Yaadumti kun akka aadaatti yoo ibsamu, mala sirna beekumsaa aadaa (xabboo) aadaa, afoolotaafi gochaalee ummata tokkoo bara keessatti kuufamee argamuufi ummaticha qajeelchu. Bu’uura ibsa kanaatiin, kaayyoon qorannoo kana sirna beekumsa Oromoo mammaaksa: ‘Maraattuun waan jettu beekti; waan jettuuf sana garuu hinbeektu’ jedhu keessatti iyyaaffachuudha. Qoratichi dhalataafi qaama aadaa Oromoo sababa ta’eef, mammaaksichi mala introspeekshiniin (introspection) kan filate, tooftaa kallattii keessootiin (emic) kan qaacca’eefi hiikes isuma ta’eera. Yaaxxinni qorannoo kanaa harmanatiksii Afrikaafi tooftaan qaaccessaas geengoo harmanatiksi jedhama. Harmanatiksiin Afrikaa yaaxxina ammayyaa falaasamaa aadaa Afrikaa afoolota isaanii keessatti argamu qaaccessuuf tajaajila. Tooftaan qaaccessaa geengoo harmanatiksii jedhamus, gama tokkoon bifa xiinqooqaa mammaaksichaa sadarkaa himaatiifi gama biroon bifa mammaaksichaa akka sirna beekumsa Oromootti qaaccessuuf mijata. Haala kanaan, argnnoon qorannichaa yaaxxina harmanatiksii Afrikaa keessaan mammaaksichi yoo qaacca’u gama tokkoon bifa xiinqooqaa agarsiisuudhaan gama birootiin sirna beekumsa Oromoo agarsiiseera. Kunis, mammaaksi akka Afaan Oromootti xiinqooqummaa qofa otuu hintaanee sirna beekumsa Oromoo akka ibsuufi kunis akka beekumsa badda-baddaafi (surface) sirna beekumsaa gadifagoo (deep) akka agarsiisu mul’iseera. Kanaafuu, mammaaksi Oromoo tokko tokko sirna beekumsaa waliigalaa addunyaa Oromoofi beekumsa jiruuf jireenyaa guyyaa guyyaatiif gargaaru sababa qabuuf hayyoonni Oromoo sadarkaa adda addarraa jiran mammaaksota ummatichaarratti qorannoo gadifagoo adeemsuufi beekumsicha kana sirneessuu qabu.


 


Universally defined, epistemology is a field that studies how knowledge can be acquired, can be validated and can be transmitted. It is, culturally defined, embedded in cultural practices and oral traditions. For the Oromoo people, proverbs serve as vital repositories of communal wisdom, ethical frameworks, and epistemological principles. This article argues that Oromoo epistemology, as a coherent system of knowledge can be discerned through critical analysis in the proverb: Maraattuun waan jettu beekti; waan jettuuf sana garuu hinbeektu “A man knows to speak, but hardly knows why to speak that” The proverb is selected introspectively, analyzed and interpreted in emic perspective by the researcher himself for he is native to and part of Oromoo culture. The study employs African hermeneutic theory and analytical technique hermeneutic circle to decode its epistemological implications. The hermeneutic is modern theory recommended for analyzing African cultural philosophy found in oral traditions, such as proverbs. Being part of this theory, hermeneutic circle is used as a technique for the analysis of this proverb. It is preferred for it relates, at one side, to proverbs’ linguistic aspect at sentence level and, at other side, to philosophical aspect of this proverb. Through hermeneutic theory, hermeneutic circle and introspection, the analysis illuminates how this proverb encodes Oromoo epistemology which can exist at surface and deep level of understanding and practicality. By demonstrating how such proverbs operationalize Oromoo epistemology, the study contends that these oral texts constitute a structured, though under-documented, system of knowledge that merits systematic scholarly engagement. The article concludes by advocating for the systematization of Oromoo proverbs as a means to codify their epistemology, ensuring its preservation, accessibility, and integration into global philosophical discourses. This approach not only affirms the sophistication of indigenous Oromoo knowledge systems but also invites interdisciplinary methodologies to claim Oromoo proverbs as legitimate epistemological resource. 


Journal Identifiers


eISSN: 2616-3985
print ISSN: 2616-3977